Doobbaatti namni waggaa 18’f mucaa isaa haale mana murtii aadaatti amane

Obbo Aliyyii Abdii jiraataa aanaa Doobbaa yoo ta’an, waggoota 18 dura yeroo dargaggummaa isaaniitti dubartii tokko waliin hariiroo qabaachaa turuu himu.

Yeroo sanatti dubartiin kun ulfaa’uu quba qabaatanis amananii abbummaa daa’ima kanaa fudhachuuf garuu heeyyamamaa hin turre.

“Gaafa sana wanni jiraa inuma jirti. Isheenis jabeessitee nan hin gaafanne. Laaffistee jennaan anis hin amanne nan fagaadhe. Kiyya miti jedheetuman hale,” jedhan waan waggaa 18 dura ture yoo boodeetti deebii’anii yaadatan.

Obbo Aliyyiin ergasii booda ammoo nama biraa waliin bulti ijaarratanii ijoollee afur horataniiru.

Dubartiin jalqaba mucaa isaanii deesse ture garuu waggaa 18 kana darbee darbees ta’u mucaan kun kansaa ta’uu itti himuu hin dhiisne.

Haati mucaa kanaatis akkuma Obbo Aliiyyii, ergasiin booda nama biraa waliin bulti ijaarratanii jiraachuu irratti argamu. Mucaan jalqaba gidduu isaaniitti dhalate sun garuu waggoota 18 abbaa isaatiin haalamee ammaan tana dargaggeessa ta’eera.

Harmeen isaa abbaan isaa Obbo Aliyyii akka ta’e daa’imummaa irraa kaaftee itti himaa guddate. Mana barumsaattis maqaadhuma Obbo Aliyyiitin waamama. Obbo Aliyyiin garuu kana quballee hin qaban ture.

Haati mucaa kanaa Obbo Aliyyiin kan abbummaa mucaa isaa hale kana mana murti dhiheessitee himachuufis yaaduun warra seeraa haasofsiisanii illeen ragaa qabatamaa ittiin amansiisan dhaban.

Mana murti aadaa kan dhiheenya keessa Oromiyaa bakka hundatti hundaa’uun hojii eegale dhagahan. Isaan boodas yeroo hin fudhanne.

Dhimma isaanii qabatanii abbootii Gadaatti fidanii dhiyeeffatan. Achiinis Obbo Aliyyii abbootii seeraa dura dhaaban.

Obbo Aliyyiin dhimmaa kana BBC’tti yoo himan, ”manni murti aadaa kun waan akkaan namaa sodaachisu waan taateef haaluu fi sobuudhaan bira darbuun waan hin yaadamne ta’e,” jedhan.

“Mucaan kun kiyya akka ta’e inuman beeka. Ammoo amma bulti haaraan qaba. Kanaaf keessakoo shakkiin osuma jiruun haaluuf dirqamee ture. Warri mana murtii aadaa kun ammoo Irbuu qabu. Kaakuun isaanii jabaadha,” jechuun attamiin kabaja mana murtiifi rabbiin akka sodaatan himu.

Erga haati mucaa kanaa dhimma isaanii abbootii seeraa mana murtii aadaatti fidatanii isaan akka duudhaatti jara lamaan dhiheessan.

Boolla torbatti ibidda shidanii, daaraa, eeboo, biyyoo qabrii, lafee fi kaan qopheessanii Obbo Aliyyiin ‘mucaan kun kiyya miti jedhii kakadhu’ jedhaniin.

“Ibidda boolla torbatti shidame sana itti fincaanee dhaamsee lubbuun kiyya akkanatti haa dhaamu jedhamee kakatama. Boolla qabrii, lafee fi waan irbuu sana cufa qabatanii kakachuu barbaachisa” jedhan Itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turizimii aanaa Doobbaa, Obbo Adam Abdoo dhimma kana yoo himan.

Obbo Aliyyiin kakuu fi irbuu abbootii seeraa mana murti aadaa kana kakatanii darbuudhaan mucaa waggoota 18 haalan sana ammas itti fufanii kiyya miti jechuu hin dandeenye jedhu.

“Irbuun kun baayyee ulfaataadha. Dhalaa fi sanyii namaatu bada. Kanaaf Obbo Aliyyiis mucaan kun kiyyuma jedheen amane,” jedhan.

Obbo Aliyyiin erga mucaa isaanii waggootaa 18’f haalaa turan amananii guyyicharraa kaasuun mucaa kana ofitti fudhatanii miseensa maatii isaanii godhataniiru.

Mucaan waggootaa 18 abbaan isaa kan kiyya miti jedhee hales, amma dhugaan bahee mucaa hangafaa Abbaa isaa ta’uudhaan barnoota isaa itti fufuu himan Obbo Aliyyiin.

Manneen murti aadaa rakkoowwan ulfaatoo fi dhokatoo hawaasa keessaa kanneen seera idileen hin furamne furuun waliin jireenya hawaasaatiif gumaacha gaarii kennaa jiru jedhan Itti Gaafataamaan Waajjjira Aadaa fi Turizimii aanaa Doobbaa Obbo Adam Abdoo.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *