Israa’el murtoo Dhaddachi Haqaa Addunya irratti dabarseef ni ajajamti?

Murtoon kuni Afrikaa Kibbaafis tahe Filisxeemiif injifannoo guutuu miti.

Dhaddachi Haqaa Addunya(ICJ) Israa’el duula waraanaa geggeessaa jirtu akka dhaabdu hin ajajne. Kunis Hamaas Onkololeessa darbe haleellaa raawwateef mirga ofirraa ittisuu qabaachuu isheef akka beekamtii kennuuti.

Tahus qaamni seeraa olaanaa UN kuni haalli Gaazaa keessa adeemaa jiru hamaa tahuu ibseera.

Dhaddachi dhimma duguuggaa sanyii irratti murtoo dhumaa otoo hin dhiyeessiin dura, haalli Gaazaa keessa jiru, ”akka malee badaa tahaa jira,” jedheera.

Haala kanaan Israa’el akka raawwattu waan gaafatame baayyee dha. Kunneenis ”tarkaanfiiwwan yeroo hatattamaa” sagal Afrikaan Kibbaa gaafatee waliin kan adeemani dha.

Daanyaawwan dhaddachichaa 17 tahan Israa’el lammiileen Filisxeem akka hin ajjeefamaneef, miidhaan qaamaafi sammuu akka irra hin geenye akkasumas iddoon jireenyaa isaanii hammaataa akka hintaaneefi daa’imman Gaazaa akka hin dhalanneef beekaa dhorkuu hambisuuf waan dandeessu hunda akka raawwattu murteessaniiru.

Kana malees addabaabaayi irratti haasaa duguggaa sanyii jabeessu kan pireezidantii fi humni ittisaa biyyatti dubbatan dabalatee akka ”dhorkituu fi adabdu,” irratti murtaa’eera.

Dabalataan rakkoo namomaa Gaazaa keessatti mudatu furuuf tarkaanfiin, ”hatattamaafi si’ataa,” tahe akka hojiirra ooluuf waamicha taasiseera.

Waamichi dhukaasa dhaabuu murteeffamuu baatus, haaloti Israa’el akka raawwattu gaafatamte baayyee duula waraanaa biyyattiin Gaazaa keessatti geggeessitu kan akkaan geeddaruu danda’u dha.

Israa’el himannaa duguuggaa raawwatteetti jedhu hadheeffattee balaaleeffatti. Hamaasitu lubbuu lammiilee Israa’el balaa dabarsee kenne jetti.

Hamaas magaalawwan namoonni baayyeen keessa jiraataniifi buufataalee baqattootaa jalatti hojiisaa hojjetaa jetti Israa’el.

Namoonni balaarra akka hin buuneef karaa dheeraa akka deemtes ibsiteetti.

Amanteen ”waraanni Israa’el naamuusa olaanaa tahe qaba,” jedhu lammiilee biyyattii baayyee biratti fudhatama qaba.

Tahus Onkololeessa darbe irraa jalqabee tarkaanfiin Israa’el buqqa’uu uummata Gaazaa harka 85f sababa taheera.

Kanneen waraana baqatanii dahoowwan qubatan keessatti akkaan baayyachuun deeggarsa namoomaa argachuun rakkisaa taheera.

Pireezidantiin dhaddachichaa Johaan Donhiwuu haala rakkoo Gaazaa keessaa waan daanyota kaan wajjin murteessan gaafa ibsan, dhimmichi akka hin ilaalamne gochuuf yaaliin Israa’el gootu hin milkaa’in hafeera.

Johaan Donhiwuu keessumaa haalli ijoolleen Gaazaa keessatti dabarsaa jiran,”akkaan kan laphee namaa cabsu dha,” jedhan.

Dhimma duguggaa sanyii irratti kuni murtoo isa dhumaa miti – sichii waggoota dheeraaf itti fufuu mala jedhan.

Tahus tarkaanfiin amma kenname lammiilee Gaazaa jiraniif hamma tahe eegumsa kennuufi himannaan bu’uuraa Afrikaan Kibbaa dhiyeessites akka ilaalamu himan.

Amma Israa’el akkatti murtoo kanaaf deebii kennitu murteessuu qabdi. Murtoon Dhaddacha Haqaa Addunyaa rawwachuun dirqama tahus, dhaddachichi haala murtoosaa ittiin raawwachiis hin qabu. Israa’el murtoo kana guutummaan itti dhiisuu dandeessi.

Tattaaffii dippiloomaasiin dhukaasa dhaabuu ji’a lamaa taasisuu irratti xiyyeefatameera. Kunis deeggarsa namoomaa fooyyeesuuf yoo tahu Israa’el garuu waan manni murtii dabarse kana durayyuu akka hojiirra oolchaa turte mormuu dandeessi.

Haalli amma jiru otooma fooyya’ullee – mallattoon mul’atu jiraachuu baatullee -Israa’el duguggaa sanyiin himatamuu itti fufuun ishee waan hinhafne dha.

Dhaddachi himannichaaf dhimmoota tilmaama keessa galchu biroo akka barbaadu himeera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back To Top