Arab Emiretis ajjeechaawwan siyaasaa Yaman keessaa deeggaruushee qorannoon BBC saaxile

Yamanitti ajjeechaawwan siyaasaa raawwataman Yunaayitid Arab Emiretis (UAE) maallaqaan deeggaruushee BBCn qorannoo gaggeesseen saaxiluu beeksise.

Walitti bu’insi mootummaa Yamaniifi mormitootaa hirmaachise hammaachuurra darbee ijoo dubbii addunyaa ture. Tibba kanammoo dhimmi haleellaan dooniiwwan karaa Galaana Diimaarra darbanirratti hidhattoota Huutii warra Yamaniin raawwatamu xiyyeeffannoo addunyaa biraa argachaa jira.

Ameerikaanota dhimma kanarratti ogummaa qabaniin (American mercenaries) akkaataa namoota dhabamsiisanirratti qondaaltota Arab Emirtetis Yaman jiraniif leenjiin kennameeraaf.

Arab Emiretis ammoo leenjii argatan akka haalaan baballatuuf lammilee Yaman sadarkaa gadi aanaarra hojjetaniif hiru.

Kun ammoo ajjeechaawwan siyaasaa cimee akka babal’atuuf karaa baneera jedha namni eeruu gabaasa qorannoo BBC Arabic’f kenne tokko.

Kaayyoon Amerikaanota leenjii kennanii kun gareen Jihaaddistoota Al-Qaa’edaafi Islaamik Isteet (IS) jedhaman Yaman kibbaatti argaman balleessuuf jedhameera.

BBCn garuu Yunaayitid Arab Emiretis miseensota duraanii Al-Qaa’edaa humna nageenyaatiif filattee qacaruushee mirkaneesseera. Xiyyeeffannoon qcarrii kanaa ammoo Yaman keessatti finciltoota Huutiifi humnoota hidhatan biroo waraanuuifdha.

Mootummaan Yunaayitid Arab Emiretis shororkeessummaa waliin hidhata kan hin qabne ajjeefamuusaanii ilaalchisee BBCn mirkaneeffachuusaa “sobaafi bu’uura kan hin qabnedha” jechuun fudhatama dhabsiiseera.

Yamanitti waggoota sadii keessatti ajjeechaawwan dhibba tokkoo ol raawwatamaniiru. Kun ammoo qama waraana wal waraanuu hadhaawaa Yaman keessatti deemaa jiru humnoota idil-addunyaa walitti buusaa jiru keessaa tokkodha.

Ajjeechaan kun mootummaan biyyattii beekamtii idil-addunyaa qabu dhaabbataadhaan gara teessoosaatti akka hin deebineef gufuu ta’eera. Kun ammoo karaa biraatiin Iraan irraa deeggarsa kan argatu Huutiin akka onnatan taasiseera jechuun ni danda’ama.

Gareen kun yeroo ammaa dooniiwwan irratti haleellaa raawwachuufi daldala Galaana Diimaarraan jiru yaaddoo keessa galchuun xiyyeeffannoo miidiyaa addunyaa argateera.

Waashingiten garee kana “shororkeessa idil-addunyaa” jechuun irra deebiin akka farrajju tibba kana beeksifteetti.

Yaman walitti bu’insa keessa kan seente bara 2014 ture. Waraanni kunis Huutiin akka Yaman kaabaa to’ataniif karra baneef. Kana hordofees, adeemsa keessa meeshaanis of cimsaa akka deemu taasiseera.

Bara 2015 humna waloo Yunaayitid Arab Emiretis ijoo keessatti taateefi biyyoonni Arabaa baayyeen keessan jiran Sa’ud Arabiyaa dursitu Ameerikaanis deeggarteetti.

Humni waloo kun Yaman weeraruudhaan mootummaa bakka miraatti baqatee jiru deebisuufi shororkeessummaa jalqabe.

Yunaayitid Arab Emiretis dhimma nageenyaa gama kibbaan jiru adda-durummaan akka hoggantu itti-gaafatamummaan itti kenname.

Shororkeessummaa ittisuutiinis michuu ijoo Ameerikaa ta’uus dandeesseetti. Al-Qaa[‘edaan karaa kibbaatiin olaantummaa yeroo dheeraaf qabu amma ballifataa jira.

Walitti bu’insa Yaman

  • Bara 2014 keessaa garee xiqqaa ta’an warra Musliima Shi’aa keessaa kan ta’an finciltoonni magaalaa gudduu kan taate Sana’aa to’atan.
  • Pirezidant Abidraabuuh Mansuur Hadii bara 2015 hidhaa mana keessaa keessa turan gadhiisanii baqachuun magaalaa gara kibba biyyattii jirtu Aden keessatti magaalaa guddoo yeroo hudeessan.
  • Sa’ud Arabiyaafi biyyoonni biroo saddet Araboota Sunnii ta’an Huutii kan Iraan ifatti deeggarturratti haleellaa qilleensaa jalqban. Humni waloo Sa’udiin durfamu kun Ameerikaa, UK, akkasumas Faransaay irraa deeggarsa argateera.
  • Warra garee tokko ta’uun waliin hiriiran gidduutti walitti bu’insi uumameera. Bara 2019 humnoota mootummaa Sa’udiin deeggaraman kibba jiraniifi Yunaayitid Saawuzarn Tiraanziishin (STC) gidduutti waraanni baname.
  • Al-Qaa’edaan hidhattoota naannawaa kibba Arabiyaa jiraniifi morkataasaa kan ta’e Islaamik Isteet (IS) hookara kana fayyadamee bulchiinsa kibba jiru qabachuurra darbee, Aden keessatti haleellaa lubbuu balleessan raawwateera.
  • Huutiin dhiibbaa taasisuu danda’u bal’ifateera. Bara 2023 irraa kaasee dooniiwwan karaa Galana Diimaa darban irratti haleellaa raawwachuu jalqabeera.

Kanarraa ka’uun naannicha keessatti tasgabbiin dhibeera. Kibba biyyattii kan mootummaan Yaman to’atu keessatti lammileen shororkeessitoota waliin hidhata hin qabne dabalatee lammileen dhoksaadhaan ajjeeffamuun isaanii yaaddoo uumeera.

Akka seera idil-addunyaatti ajjeechaan kamiyyu akkuma fedhanitti lammileen nagaarratti raawwatamu akka murtii seeraa malee raawwatametti ilaalama.

Kanneen ajjeefaman keessaa garri caalan miseensota Islaah warra ta’anidha. gareen kun damee Muslim Biraazerhuud damee Yamanidha. Gareen kun ammoo qaama sochii idl-addunyaa Islaamota Sunniiti.

Ameerikaatiin akka shororkeessaatti farajamuu baatullee, biyyoota Arabaatti dhorkameera. Yunaayitid Arab Emiretis garee kana akka yaaddoo sochii siyaasaafibulchiinsa maatii moototaashee ta’etti ilaalti.

Odeeffannoon dhoksaan bahe halellaan diroonii gaggeeffame qorannoo kanaaf ka’umsa ta’eera. Haleellaan kun bara 2015 keessa kan raawwatame yoo ta’u, kana duubaan ammoo miseensonni kampaanii nageenyaa dhuunfaa Ameerikaa Ispiir Oppereeshin jedhamu keessa jiru.

Suura irratti warra mullatan warra duulicha tarkaanfachiisan keessaa tokko bara 2020 mana-nyaataa landan jiru keessatti BBCn argateera. Miseensi humna galaanaa duraanii Ameerikaafi booda ammoo duula guddaa Ispiir keessa kan hojjetu Ayizaak Gilmoor Yaman keessatti ajjeechaa raawwachuuf Yunaayitd Arab Emiretisiin akka qacarame Ameerikaanota dubbatan keessaa tokkodha.

Yunaayitid Arab EmiretisiinIspiirsiif “akka ajjeeffamaniif tarreeffama” dhiyaate keessatti hammataman dubbachuuf hayyamamaa hin taane. Jalqaba kan irratti xiyyeeffatan miseensa paarlaama Yaman kan ta’eefi teessuma isaa Adeen kan godhate Islaah kan dursu Ansaaf Maayon ta’uutu hima.

Islaah Ameerikaatiin akka shorokeessaatti hin farrajamne.

“Walitti bi’insawwan ammayyaa kan nama gaddisiisu baayyee ifa miti. Kana Yaman keessatti argina. Dursaan garee tokkoo isa tokkoof abbaa amantiidha, isa kaaniif ammoo dursaa shororkeessaadha,” jedha.

Gilmooriifi yeroo sanatti jaala hojiisaa Ispiir kan ture Deel Kosmootik ergama itti kenname kan xumuame bara 2016 keessa turuu dubbata.

Ajeechaan Yaman kibbaa jiru garuu itti fufeera. Falmaa mirgoota namomaa kan ta’e Riipiriiv qorattoonni isaa akka jedhanitti ajjeechaawwan amma caalaa kan irra deddeebiin mudtan ta’aniiru. Bara 201 hanga 2018 gidduutti ajjeechaawwan 160 Yaman keessatti raawwataman qorateera.

Baayyeen isaanii bara 2016 irraa kaasanii kan raawwataman yoo ta’an, namoota ajjeefaman 160 keessaa 23 kan t’an qofatu shororkeessummaa waliin walqabata jedhan.

Ajjeechaawwan hunduu kan raawwataman mala ajjeechaa Ispiirs gargaaramuunidha. Fanjii awwaalame dhoosuudhaan yeroo iji hundi gara sana ta’utti nama irratti xiyyeeffatame itti dhukaasanii ajjeefama.

Abokaatoon mirga namoomaa Yaman Udaa Al-Saraarii akka dubbattutti ajjeechaan siyaasaa kan ji’a darbe raawwatamedha. Laahij keessatti karaa walfakkaatuun Imaamni tokko ajjeefameera.

Gilmoor, Komistookiifi maqaan isaanii akka hin eeramne kan barbaadan bitamtoonni Ispiirs lama akka ibsanitti, Ispiiris kaampii loltootaa Yunaayitid Arab Emiretis Adeen jiru keessatti, qondaaltota Emiretis leenjisuun hirmaateera.

Gaazexeessaan akka maqaan isaa hin eeramne barbaades fakkii leenjii kana fakkaatu arguu isaa dubbateera.

Bitamtoonni kunneen maal akka ta’e gadi fageenyaan dubbachuu baatanis, odeeffannoo gadi fageenya qabu kan qondaaltota Yuaayitid Arab emiretis keessa jiran kennaniiru.

Bitamtonni kunneen akka irratti hin beekamneefi isaan hin saaxilleef jecha maqaa leenjii qondaaltota Emiretis jedhuun jijjirameera. “lammileen Yaman ammoo dirqama kana akka raawwataniif emiretis irraa leenjii argatu,” jechuun dubbatu qondaalli loltuu Yaman.

Adeemsa qorannichaa keessattis maddeen Yaman kudhanii ol ta’an dubbisnee kanuma mirkaneeffanneerrra.

Loltoota emiretisiin leenji’ee ajjeechaawwan shororkeessummaa waliin walqabtan raawwanneerra kan jedhan namoota lamaafi mana-hidhaa Yunaayitid Arab Emiretis keessaa hiikamuudhaaf nama siyaasaa Yaman tokko akka ajjeesuuf gaaffiin kan dhiyaateef namni tokkos keessa jira. Namni kun ergama kana hin fudhanne.

Warri Yaman ajjeechaa kana akka raawwatan taasifamuufi ajjeechaan kun Yunaayitid Arab emiretis waliin akka walqabatu gochuun isaa karaa wanti kun ittiin gaggeeffamu cimaa taasisa.

Bara 2017 Yunaayitid Arab Emiretis kibba Yamanitti humnoota hidhatan kan bulchu humni ittisaa Saawozern Tiraanziishinaal Kaawonsl (STC) deegersa maallaqaa Emiretisiin akka ijaaramu taasifameera.

Humni kun kibba Yaman keessa mootummaa biyyattiirraa bilisa ta’ee socho’aa ture. Ajajas Yunaayitid Arab Emiretis irraa fudhata ture.

Loltoonni kunneen adda waraanaarratti loluudhaaf qofa kan leenjia’an hin turre. Akka namni eeruu kenne tokko jedhutti, gareen farra shororkessaa kun ajjeechaawwan raawwacuufis leenjifamaniiru.

Namni eeruu kennu kun STC keessa kan hojjetan maqaa miseensota duraanii Al-Qaa’edaa 11 sanada qabate nuuf ergeera.

Isaan keessaa eenyummaan isaanii eenyu akka ta’e mirkaneeffachuus dandeenyeerra.

Yeroo qorannoo kana gaggeessinu isaan keessaa namni maqaan isaa Naasir Al-Shibaan kan jedhu mirkaneeffanneeffachuu dandeneyeerra.

Yeroo ammaa kanatti aanga’aa olaanaa Al-Qaa’edaa ta’uun shororkeessummaan hidhamus boodarra garuu hiikameera.

Onkoloolessa 2000 lammileen Ameerikaa dooniirra turan 17 doonii waraanaa Ameerikaa USA Kool jedhamurratti haleellaa raawwatme duuba shakkamaan Al-Shibaaaakka ture ministirri mootummaa Yaman dubbateera. Akka maddeen hedduun nutti himanitti taanaan, kuaalee waraanaa STC keessaa ajajaa tokkooti.

Ogeettii seeraa kan taate Udaa Al-Saariin sarbamoota mirgoota namoomaa humnoota Yunaayitd Arab emiretisiin raawwataman qoracha aturteetti.

Sababa hojiishee kanaaf irra deddeebiin akka ajjeefamtu doorsifni isheerra gahaa tureera. Bakkashee xoofaa kan dhuge [bakka ishee kan ajjeefame] garuu ilmashee umuriin isaa waggaa 18 ta’e Moohisan ture.

Bara 2019 osoo gara buufata rabsaa boba’aatti osoo deema ajiruu rasaasaan lapheeseerra dha’amee ji’a tokkoon booda lubbuun isaa darbeera.

Udaan du’a ilmasheetiin booda yeroo gara hojiitti deebitutti wanti ishee eeggate waan hunda akka dhaaabduuf ergaa ishee akeekkachiisu akka ta’e dubbatti. “Kan ilmashee tokkoo hin gahuu? warra haftanis akka isin ajjeefnu barbaadduu? jedhan.

Abbaan alangaa Adeen qorannoo gaggeesseen Mohisan kan ajjeefame miseensa garee farra shororkeessaa Yunaayitid Rab emiretisiin deeggaramu ta’uu mirkaneeffatus himannaa garuu hin banne.

nageenyaaf jecha abbootii alangaa maqaa isaanii dhahuu hin dandeenye ajjeechaan babal’ate sodaa uumeera jedhan.

Kunimmoo dhimmoota humnoota Yunaayitid Arab Emiretis deeggaraman ilaallatan irratti haqni akka jiraatu taasisuuf baayyee akka sodaatanis nutti himaniiru.

Ispiir bara 2020 akka isaaf kaffalamaa jiru sanadiin Yunaayitid Arab Emiretis agarsiisu dhorksaan bahe Rippiraayiv qaaqabeera. Garuu maal hojjetanii akka kaffalamuuf ifa miti.

Hundeessaa Ispiir kan ta’e Abrahaam Golaan bitamtoonni isaanii warra Emireetisiin teekinika ittiin ajjeesan leenjiseeraa? jechuun gaafannullee deebii hin kennine.

Qorannoo keenya ilaalchisee mootummaa Yunaayitid Arab Emiretsiif gaaffii dhiyeessineerra.

Haleellaan kun namoota shororkeessummaa waliin walitti dhufeenya kamiyyu hin qabne irratti kan xiyyeeffatedha jedhamuusaa dhugaarraa kan fagatedha jechuun, duulli farra shororkeessummaa Yaman keessatti gaggeeffamu kan deeggaramu hafeerraa mootummaa Yamaniifi michoota idil-addunyaatiin ta’uu eereera.

“Yunaayitid Arab Emiretis duulawwan kanneen irratti seera idil-addunyaa hojiirra oolu kabajuun sochooteetti,” jedheera.

Ministeerri Ittisaafi Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa waa’ee Giruuppii Oppereeshinii Ispiir ilaachisuun yaada isaanii akka kennaniif gaafatamanis deebii kennuuf hayyamamoo hin taane.

Dhaabbanni basaasaa Ameerikaa ibsa kenneen, “CIAn duulli akka kanaa akka gaggeeffamuuf hayyameera yaada jedhu sobahda,” jedheera.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *